Daawwannaa Industirii Qonnaa Qinda’aa Paarkii Naqamtee

Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahimad (PhD)Pirojektoota Misoomaa Naqamtee Daawwatan

OCG – WCSHC | Finfinne, February 19, 2026 – Mummichi Ministeeraa Abiy Ahmed (PhD) har’a daawwannaa hojii pirojektoota misoomaa Magaalaa Naqamtee keessatti gaggeeffamaa jiran dawwataniiru.

Daawwannaa isaanii keessatti ijaarsaa Manneenii Industirii Qonnaa Qinda’aa Paarkii Naqamtee kan Waldaa Aksiyoona Ijaarsa Walaabuutiin hojjetamaa jiru daawwatan. Saganticharratti Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee,Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi qondaaltoonni mootummaa Federaalaa akkasumas mootummaa naannichaa argamaniiru.

Hojiiwwan hanga ammaatti raawwataman saffisaa fi qulqullinaan kan adeemsifamaa jiran ta’uun ibsamee, hojiiwwan hafan yeroo murtaa’e keessatti xumuramanii paarkichi tajaajilaaf akka oolu kallattiin kaa’ameera. Pirojektiin kun yeroo xumuramu guddina dinagdee naannichaa cimsuu fi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabaatu himameera.

Kana malees, Pirojektii Buusaa Gonofaa Magaalaa Naqamteetti ijaaramuuf karoorfame hojii eegalchiisaniiru. Pirojektiin Buusaa Gonofaa kun hawaasa dadhaboo deeggaruu, akkasumas sirna deeggarsa hawaasummaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu himameera.

Magaalaan Naqamtee magaalaa seenaa qabeettii fi qabeenya uumamaa hedduun badhaate ta’uu ibsamee, Pirojektiin Industirii Paarkii Naqamtee kun yeroo xumuramu, guddina dinagdee naannichaa kan cimsu,sochii invastimantii jajjabeessuu, oomishaalee biyya keessaa guddisuu fi galii mootummaa dabaluun dinagdee uummata naannichaa akka cimsu eegama.

Daawwannaa Industirii Qonnaa Qinda’aa Paarkii Naqamtee dhaabbata Ijaarsaa Walaabuun Ijaaramaa jiru, Mummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahimad (PhD)’n daawwatame Suuraan.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top